Yeroon Itiyoophiyaan kan amma irra jirtu caalaa guddattu fagoo miti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Yeroon Itiyoophiyaan kan amma irra jirtu caalaa guddattu fagoo miti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Itiyoophiyaan hidhamtuu seenaa miti, sirumaayyuu kan ishee miidhaniif dhiifama gootee, kan ishee jaalatan kabajdee, maaddii bal’aa naannawaaf gahu kan qabdu, daandii misooma ariifachiisaarratti kan argamtu biyya guddoodha.

Guddummaan ummata koo fi biyya koo guyyaa guyyaan osoo hin mirkanaa’in hin qisaasa’u.

Bakkeewwan naanna’ee daawwadhe hundatti abdiin ija ijoollee biyya koo keessatti argu hundi dandeettii yeroo hunda na hojjechiisudha.

Hundi keenya damee irratti bobbaaneen bu’aa olaanaaf haa carraaqnu jedhan.

Yeroon Itiyoophiyaan kan amma irra jirtu caalaa guddattu fagoo miti jechuun ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment