Finfinnee, Fulbaana 5, 2018, (FMC)- Yoo cimanii hojjetan wanti hin milkoofne hin jiru jedhe Barataan Qabxii olaanaa Biyyaalessaa galmeesse Kaaliid Bashir.
Kaaliid Bashiir Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Mana Baruumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa sadarkaa 2ffaa Dodolaa irraa qabxii 591 fiduun sadarkaa 1ffaa qabateera.
Kaaliid Bashiir Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Magaalaa Gobbaatti dhalate.
Baruumsa isaa sadarkaa 1ffaa achuma Magaalaa Gobbaatti barachuu Faanaa Diijitaaliif himeera.
Qormaata Naannoo kutaa 8ffaa qabxii 96.7 fiduun gara Mana Baruumsa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaatti dorgomee darbuu dubbata.
Mana Baruumsicha galuun barnoota isaa haalan hordofaa turuu yaadachiiseera.
Adeemsi baruu fi barsiisuu mana baruumsichaa keessa jiru dhimma dhaloota qaruuti kan jedhu barataa Kaaliid, hordoffii fi deeggarsi hawaasni mana baruumsichaa taasisuuf daran olaanaa akka ta’e hima.
Kaayyoo qabaadhee cimee qu’achuu kootiin qabxii kanaa galmeesseera jedhe.
Yoo cimanii hojjetan wanti hin milkoofne akka hin jirre dubbateera.
Manni Baruumsaa Bultii addaa Dodolaa barattoonni kaayyoo isaanii barnoota qofa irra akka taasisaniif deeggarsa barbaachiisu kan taasisu ta’uu himeera.
Kaayyoon ani qabu barnoota qofa kan jedhu barataa kaaliid,sa’aatii 24 waa’ee barnootaa qofa yaadnas jedheera.
Qabxii olaanaa fiduuf tattaaffii cimaa taasisaa turuu kaasuun, garuu akka biyyaalessaati qabxii olaanaan nan fidaan hin yaadne jedhe.
Barattoonni kaayyoo isaanii irra osoo hin dabin barnoota isaaniif yoo yeroo kennan bu’aa barbaadan galmeessuu akka danda’an akeekeera.
Fulduraafis ‘Software Enjinering ‘barachuun biyya isaa tajaajiluu akka barbaadu dubbateera.
Manni Baruumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa barattoota 125 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoruu Daayrektarri Mana Baruumsichaa obbo Deettuu Diboo ibsaniiru.
Qabxiin Barataan kaaliid Bashiir akka biyyaalessaatti galmeessee isaan gammachiisuus dubbataniiru.
Barattoonni hafan qabxii 482 ol galmeessuu kaasuun, qabxiin argamee hawaasa mana barumsichaa fi naannawichaa biratti gammachuu fi dadammaqina olaanaa uumuu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.