Yuukreen Ameerikaa waliin marii nageenyaa haaraa taasisuufi

Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) – Yuukreenii fi Ameerikaan xumura torbee kanaa marii nageenyaa haaraa taasisuufi jedhame.

Mariin haaraan kun Ameerikaatti kan mari’atamu ta’uu Keev poosti gabaaseera.

Marii Waashingitan Moorkoo waliin taasiftee fi marii cimaa Barliiniitti gaggeeffame hordofee Yuukreenii fi Amaarikaan karoora adeemsa marichaarratti waliin mari’achuuf qophaa’uu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodiimiir Zalaniskiin dubbataniiru.

Sanadoonni marii erga qophaa’anii booda Ameerikaan Raashiyaa waliin marii kan gaggeessitu ta’uu Vooloodiimiir Zalaniskiin eeraniiru.

Kun erga raawwatamee booda mariin nageenyaa gareewwan Ameerikaa fi Yuukreen gidduutti ni gaggeeffama jedhan.

Bu’aa marii nageenyaa haaraa, walga’ii sadarkaa hoggantoota Ameerikaa fi Yuukreen dabalatee tarkaanfiiwwan itti aanan kan murteessu ta’u jechuun eeran.

Marii kaleessaa fi dheengadda Jarman Barliiniitti gaggeeffamerratti ergamaan addaa Pireezidaanti Tiraampii fi Zalaniskii Istiiv Wiitkoof argamuun isaanii ni yaadatama.

Soosinnaa Alamaayehutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment