Yuuniivarsiitii Finfinnee yuuniivarsiitii Afrikaa Bahaarraa sadarkaa 1ffaa qabate…

Finfinnee, Amajjii 11, 2018 (FMC) – Bu’uura sadarkaa yuuniivarsiitii addunyaa QS (QS World University Rankings) Yuunivarsiitiin Finfinnee Afrikaa Bahaarraa sadarkaa 1ffaa qabateera.

Akkaataan kenniinsa sadarkaa kanaa yuuniivarsiitiiwwan biyya isaaniirra darbanii fudhatamummaa biyyoota birootti qaban ilaalcha keessa kan galchu yoo ta’u, haaluma kanaan Yuunivarsiitiin Finfinnee yuuniivarsiitiiwwan biyyoota Afrikaa Bahaa keessaa sadarkaa duraa qabateera.

Hojiilee baruufi barsiisuu, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa yuuniivarsiitiiwwan hojjetan dabalataan gahee yuuniivarsiitiiwwan kalaqaa fi misooma naannawaa irratti bahatan akka madaalliitti dhiyaateera.

Bu’uuruma kanaan Yuuniivarsiitiin Finfinnee sadarkaa 1ffaa qabateera.

Yuuniivarsiitichatti aanuun yuuniivarsiitiin biyya Yuugaandaa Maakaareereen sadarkaa 2ffaa yoo qabatu yuuniivarsiitiin biyya Keeniyaa Yuuniivarsiitiin Naayiroobii 3ffaa akkasumas kan biyya Sudaan Yuuniivarsiitii Oof Kaartuum sadarkaa 4ffaa qabataniiru.

Yuuniivarsiitiin Finfinnee Hiwuumaanitiis, Saayinsii Hawaasaa, Injinariingii fi Saayinsii Fayyaan hojiilee gurguddoo kan hojjete yoo ta’u, dhaabbileen qorannoo yuunivarsiitichaa hedduunis gahee olaanaa bahachaa akka jiran ‘Business Insider Africa’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment