Yuuniivarsiitiiwwan gaaffilee uummataf deebii qorannoo fi qo’annoon deggerame kennuu qabu jedhame

Finfinnee, Ebla 30,2017 (FMC)- Oomishaa fi oomishtummaan akka guddatu, barnoonni qulqullina qabu akka jiraatuu fi fayyaan Hawaasaa akka eegamuuf gaaffii uummata irraa dhiyaatuuf yuunivarsiiwwan qorannoo fi qorannoodhaan deebisuu qaban hubachiifameera.

Hundeeffama waggaa 10ffaa isaa sababeeffachuun koonfiraansii biyyaalessaa marsaa 8ffaan Yuunivarsiitii Arsiitti taa’amaa jira.

Koonfiraansichi ‘‘Qorannootti fayyadamuun rakkoo ummataa dhugaan hiikuu” mata duree jedhuun gaggeeffamee jira.

Oomishaa fi oomishtummaan akka guddatu, barnoonni qulqullina qabu akka jiraatuu fi fayyaan Hawaasaa akka eegamuuf gaaffii uummata irraa dhiyaataniif yuunivarsiiwwan qorannoo fi qorannoodhaan deebii sirrii kennuu akka qaban hubachiifameera.
Perezedaantiin yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuu, Yuunivarsiitiin Arsii hojii qorannoo hojjechaa tureen bu’aa garaagaraa hawaasaaf buusaa jiraachuu himaniiru.

Yuunivarsiitichi Barnoonni Gadaa akka hojiirra oolu, Aadaan uummataa akka lafa qabatu, manni murtii aadaa rakkoo hawaasaa hiikuu keessatti qooda isaa akka ba’u fi dhimmoota walfakkaatoo irratti Qorannoo fi qorannoo geggeessuun qaama furmaataa ta’aa akka tures ibsaniiru.
Qorannoon kamiyyuu xumuramee akka lafatti hingatamneef lafa waliin mari’achuun hojiirra oolchuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Ministeera barnootaa bakka bu’uun konfiransicharratti kan argaman Dooktar Saraawiit Haandisoo gama isaaniin, qulqullina barnootaa mirkaneessuun cinatti qorannoowwan hojjetaman rakkoo hawaasaa akka hiikaniif Ministeerichi irratti hojjechaa jira jedhan.

Koonfiraansii kanarratti qorattoonni yuunivarsiitiiwwan garaagaraa kan hirmaatan yoo ta’u, waraqaan qorannoo 36 dhiyaateera.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment