Yuunivarsiitii Goondaritti Piroojektoonni birrii biiliyoona 4 oliin ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Guyyaa Tajaajilaa barsiisummaa Waggaa 70ffaa Yuunivarsiitii Goondar sababeeffachuun Piroojektoonni garaagaraa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an.

Yuunivarsiitichi Piroojektoota Birrii biiliyoona 4 oliin hojjechiisaa ture 22 har’a bakka Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xirunaa, Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashagaar, Pireezidaantii naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa fi Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan argamitti eebbisiiseera.

Yuuniversiitii buleessi kun mul’ata biyyaalessaa milkeessuuf imalaa jira jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xirunaan.

Yuuniversiitiitichi seenaa Goondar, ogummaa, qaroominaa fi giddugala barnootaa ta’uu isaa haala gituun hojii baruu fi barsiisuu, qorannoo fi qo’annoo, tajaajila hawaasummaa hojjetu caalmaatti cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment