Yuunivarsiitiin Dirre Dhawaa barattoota kuma 1 fi 688 eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Dirre Dhawaa barattoota kuma 1 fi 688 eebbisiiseera.

Sagantaa eebbaa kanarratti Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa Abdii Muktaar akka jedhanitti, hojiin mootummaan rakkoo qulqullina barnootaa furuuf hojjechaa jiru bu’aa argamsiisaa jira.

Eebbifamtoonni hojiilee guddinaafi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran irratti wayita bobba’an amanamummaan tajaajiluun qooda isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Ubaa Adam gamasaaniin, Yuunivarsiitichi qulqullina barnootaa fooyyessuuf ajandaalee akka biyyaatti bocaman hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsan.

Hojii baruufi barsiisuun cinaatti qorannoowwan gaggeessuun hojiilee hawaasa naannawichaa fayyadan hojjechaa jiras jedhan.

Eebbifamtoota keessaa gosawwan barnootaa 56 keessaa gosa barnootaa 50 A+ fi jaha ammoo A kan fide Daawwit Katamaa dabalatee barattoota qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasni meedaaliyaafi biroon kennameera.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment