Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota ogummaa Fayyaa gulantaa adda addaan barsiisaa ture 263 eebbisiiseera.
Yuunivarsiitiin Finfinnee Koollejjiin Yaala Fayyaa barattoota ogummaa yaala Fayyaa, Ilkaanii fi Anisteezyaan barsiisaa ture marsaa 54ffaaf barattoota 260 eebbisiisera.
Barattoonni 225 Meedikaal Dooktoreetiin, 16 Yaala Ilkaanii fi 22 ammoo Anisteezyaan eebbifaman.
Eebbifamtoota keessaa 118 dubartoota ta’uu ibsameera.
Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kiflee, maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti argamaniiru.
Yuunivarsiitiin Boongaas barattoota oggummaa addaan barsiisaa ture 146 eebbisiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.