Yuunivarsiitiin Salaalee gorsa seeraa fi tajaajila abukaatoo bilisaan nuuf kennuun isaa haqa keenya akka argannu nu gargaare – jiraattoota Shawaa Kaabaa

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Yuunivarsiitiin Salaalee tajaajila gorsa seeraa fi abukaatoo bilisaan nuuf kennuun isaa haqa keenya akka argannu nu gargaare jedhan jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa.

Yuunivarsiitiin Salaalee namoota harka qalleeyyii mana murtii dhaabbachuun haqa isaaniif falmachuu hin dandeenyeef tajaajila gorsa seeraa, hubannoo seeraa fi abukaatoo bilisaan kennaa jira.

Yuunivarsiitichi Tajaajila gorsa seeraa fi abukaatoo nuuf dhaabbachuun baasii guddaa nu oolche jedhan jiraattoonni kunneen.

Giddugaleessaan maallaqa Abukaatoo bitachuuf baasuuf turre hanga Birrii kuma 50 nu oolchuun bilisaan haqa keenya akka argannu nu gargaareera jedhan.

Yuunivarsiitiin Salaalee tajaajila hubannoo fi gorsa seeraa, Abukaatoo fi deeggarsa barreeffamaa kennuun haqaa mirkaneessuu keessatti gahee dhaabbatummaa bahachaa jira jedhan Barsiisaan seeraa fi Qindeessaan tajaajila Seeraa Bilisaa Mana Barumsa Seeraa Yuunivarsiitii Salaalee Magos Boggaalaan.

Yuunivarsiitich Wiirtuu seeraa banuun hawaasa harka qaleeyyiif tajaajila gorsa seeraa fi abukaatoo ta’uun hojii bal’aa hojjetaa jiraachuus kaasan.

Bara kana qofa namoota kuma 3 oliif tajaajila gorsaa, hubannoo seeraa fi Abukaatoo ta’uun deeggarsa barbaachisuu kennuu himan.

Kanaanis haqa mirkaneessuu keessatti gahee irraa eegamu bahachaa jira jedhan obbo Magos Boggaalaan.

Namoota harka qalleeyyii fi haadha iyyeessaa mana murtii dhaabbatanii haqa isaaniif falmachuu hindeenye, rakkoo haqaa qabaniif tajaajila gorsa seeraa kennuu fi abukaatoo ta’uun tajaajiluun haqa isaanii akka argatan hojjechaa jirra jedhan Pireezidanatiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaan.

Wiirtuu Seeraa aanaalee Godina Shawaa Kaabaa hunda keessatti babal’isuuf tajaajilicha waliingahuuf hojjechaa jirra jedhan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment