Yuunivarsiitiin Wallaggaa Barattoota 792 eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Wallaggaa yeroo 20ffaa marsaa 2ffaan barattoota muummee garaagaraa barsiisaa ture 792 eebbisiiseera

Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa Dooktar Tasfaye Lammaa, Kantiibaan Magaalaa Naqamtee Masrat Garbii, akkasumas hoggantoonni fi keessummoonni garaagaraa sagantaa eebbichaarratti argamaniiru.

Barattoonni har’a eebbifaman beekumsa argatan fayyadamuun rakkoolee hawaas -diinagdee fi siyaasaa hawaasa isaanii furuuf tajaajiluu akka qaban dhaaman Dooktar Tasfaye Lammaan.

Barattoonni damee fayyaa irraa eebbifamanis hawaasni tajaajila fayyaa fooyya’aa akka argatan taasisuun guddinaa fi badhaadhina biyyaaf gahee isaanii bahachuu akka qaban Dooktar Darajjee Dhugumaan dhaamaniiru.

Galaanaa Tasfaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment