Finfinnee, waxabajjii 17, 2017(FMC) – Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 70 har’a eebbisiise.
Barattoonni eebbifaman kunneen sagantaa gara garaan barnoota digirii jalqabaa, digirii 2ffaa fi digirii 3ffaa hordofaa kan turanii dha.
Eebbifamtoota kanneen keessaaa 13 kanneen digirii 3ffaa hordofaa turan yoo ta’u, 22 ammoo Dookteroota ogummaa fayyaa gara ispeeshaalistiitti guddatanii yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitichi eebbisiisee ta’uu isaanii Pirezdaantii Itti aanaan Dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitii Wallaggaa Dooktar Malkaa Hiikaa sirna eebbaa kana irratti dubbataniiru.
Yohaannis Malkaamuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.