Finfinnee, Caamsaa 22, 2017(FMC) – Yuunivarsiitiin Haramaayaa dameelee qonnaa fi teeknoolojiin kalaqawaan rakkoo hawasaa furuu danda’an hawaasaa kessatti babalisuuf xiyyeeffanaa kannee hojachaa jira.
Pirezidaantii Itti aanaan Dhimmoota Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Yuunivarsitichaa Dooktar Yisaaq Yuusuuf Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, Yuunivarsiitichi hojiiwwan kalaqaan gosoota xaa’oo uumamaa gabbina biyyoo dabalanii fi gatii xiqqaan qophaa’uu danda’an qorannoon mirkanessuun babal’isaa jira.
Gama damee teeknoolojiinis appilikeeshinii namoonni dhibee shukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban bakkumaa jiran taa’anii yaala ittiin argachuu danda’an kalaqeera.
Hojiiwwan kalaqaa kunniin faayidaa kallattiin kennaniif alattis, dargaggoota hedduuf carraa kan umaaniidha jedhan Dooktar Yisaaq Yuusuuf.
Yuunivarsiitiichi woorkishooppii hojiiwwan qorannoo fi hojjechaa hawaasa fayyaduuf hojjechaa jiru gamaaggamu gidduu kana geggeessuun isaa ni yaadatama.
Yaasiin Shamsuddintu gabaase.