Yuuniversiitiichi balaliiftoota dabalatee ogeeyyii damee ogummaa garaagaraan leenjisaa ture 974 eebbisise

Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatti Yuuniversiitii Ayiveeshinii Itiyoophiyaa balaliiftoota xiyyaaraa dabalatee ogeeyyii damee ogummaa garaagaraan leenjisaa ture 974 eebbisiseera.

Eebbifamtoota keessaa 43 balaliiftoota xiyyaaraa, 488 keessummeessitoota balallii, 184 ogeeyyii damee Suphaa, 255 damee Koomershaalii fi 44 ammoo ogeeyyii oppireeshinii Hoteelaa ta’uutu ibsame.

Leenjitoonni kunneen Chaayinaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaarraa kan walitti dhufan ta’uun eerameera.

Hojii raawwachiisaa olaanaa dhaabbatichaa Masfin Xaasew, Eeggataa Pireezidaatii Yuuniversiitii Ayiveeshinii Itiyoophiyaa Kaasee Yimaam dabalatee Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi keessummoonni waamichi taasifameef saganticharratti argamaniiru.

Andu’alme Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment