Zihaabii Aloonsoon carraa hiriiruu kan dhorkate Roodirgoo

Finfinnee, Hagayya 17, 2017 (FMC) – Leenjisaan Zihaabii Aloonsoo Saantiyaagoo Bernaabaawu erga dhaqanii eegalee taphataan urjii Biraaziil Roodirgoon carraa taphaa dhabeera.

Taphataan sarara fuula duraa kun kanaan dura wayita Riyaal Maadriid kaarloo Ancholootiin hogganame Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa dabalatee taphoota adda addaan milkaa’uun taphattoota ciccimoo garichaa keessaa isa tokko ture.

Keessumaa tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Riyaal Maadriid Maanchiister Siitii wayita mo’atee ture ga’een Roodirgoo yoomuu hindagatamu.

Bara Faranjootaa 2022tti tapha deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigiin Maanchister siitiin xumuraaf darbuuf daqiiqaa dabalataa hafekeessatti Roodirgoon jijjiiramee galuun galchiiwwan lama daqiiqaa lama keessatti lakkoofsiseen Riyaal Maadriid morkataa tapha xumuraa ta’uun isaa kan hindagatamnee dha.

Wayita sana Riyaal Maadriid sochii ajaa’ibsiisa Roodirgoon deggeramee tapha xumuraa irratti galchii Viinishas Juuniyar lakkoofsiseen Liivarpuuliin injifachuun Waancaa mo’achuun isaa kan yaadatamuu dha.

Taphataan lammii Biraaziil, Roodirgoon ga’ee waggoota darban keessa garee isaaf gumaacheen akka Viinishas Juuniyar fi Juud Beelingihaam hin leellifamne, dandeettiin isaa hin dubbatamneef.
Leenjisaa Zyaabii Aloonsoo Kaarloo Ancholootii bakka bu’uun Riyaal Madriidiin hogganuu erga eegalanii kaasee taphataa urjii kana xiyyeeffannaa dhorkataniiru.

Riyaal Maadriid hoggansa Ziyaabii Aloonsoo jalatti Waancaa kilaboota addunyaa, qophii bara dorgommiin duraa fi tapha torbee jalqabaa Laaliigaa dabalatee taphoota sagal taphateera.

Taphoota kanneen keessaa Roodirgoon tokko qofa dhaabbiin hiriiree kan taphate yoo ta’u, waluma agalatti taphoota saglaniin dirree keessa kan ture daqiiqaa 93 qofaa dha.

Leenjisaan kun maaliif akka taphataa kana carraa dhorkatan gaafatamanus, dhimma taaktikii akka ta’e ibsuun, taphaticha irraa amantaa akka qaban garuu yoo dubbatan ni dhaga’amu.

Maaliyaa adiin kilabicha waliin turuuf Roodirgoon irra deddeebiin dubbatus, kilabichi garuu maallaqa gaarii irraa argachuu qabu dhiyeessuun kilabni taphaticha barbaadu yoo dhufe jijjiirraa isaa irratti dubbachuuf qophaa’aa ta’uu irra deddeebi’ee gabaafamaa tureera.

Jijjiirraa taphattootaa gannaatiin maqaan Roodirgoo kilaboota Ingiliz Arsenaal fi Maanchister Siitii waliin ka’aa akka ture ni yaadatama.

Leenjisaa Ziyaabii Aloonsoo taphaticha irraa abdiin qaba akkuma jedhan kilabicha keessa ni tursumoo jijjiirraa taphattootaa wayita gannaatiin Roodirgoo Maadriid irraa adda baasa laata?

Kiliyaan Imbaappeen Riyaal Maadriiditti yoo makamu miidiyaaleen Ispeen Roodirgoo qooduun Kiiliyaan Imbaappee, Viiniishas Juuniyar fi Juud Bilingihaam fuula isaanii duraa irratti qabachuun gamtaa Riyaal Maadriid haaraa jechaa turan.

Roodirgoonis loogii Miidiyaalee Ispeen kana erga ilaalee booda tapha tokko irratti galchii lakkoofsisee gammachuu isaa yoo ibsatu ‘anis jira hin hirraanfatinaa’ deebii jedhu kennuun isaa ni yaadatama.

Fuulduraaf hoo carraan taphata fuulduraa lammii Biraaziil kun maal ta’a laata kan jedhu gaaffii hundaati.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment