Zimbaabweetti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 109 darbe

Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) – Zimbaabweetti Balaa lolaa rooba cimaa roobe hordofee mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 109 darbuu gabaafameera.

Namoota 61 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu Ministeerri Eegumsa Siivilii biyyattii beeksiseera.

Balaan kun kaleessa kan mudate yoo ta’u, roobni cimaa kun namoota fudhatee deemuu fi laggeen guutuu akkasumas bakkeewwan albuuda itti baasanitti fottoqa qaqqabeen tahuu ministeerichi ibseera.

Akkasuma bu’uuraalee misoomaa akka daandii, riqicha, manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa, manneen jireenyaa, qonna, hidhaa fi misooma jallisii mancaasuus eerameera.

Kibba Zimbaabweetti baatiwwan darban keessa balaan lolaa mudate lubbuu namoota hedduu galaafachuu fi, qabeenyaa fi bu’uuraalee misoomaa hedduu mancaasuu ‘Xinhua’ fi ‘Al Jazeera’n gabaasaniiru.

Comments (0)
Add Comment