Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Misoomsitoonni damee qorichaa irratti bobba’an qabeenya isaanii giddugalichatti misoomaaf akka oolchaniif qophiin barbaachisu xumurame jedhe Zooniin Dinagdee Walabaa Qilinxoo.
Hoji raawwachiisaa olaanaan Zoonii Dinagdee Walabaa kanaa Obbo Tolosaa Badhaadhaa Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, xiyyeeffannaa mootummaan kenne irraa ka’uun qoricha sharafa alaan galu biyya keessatti oomishuuf hojjetamaa jira.
Kanaafis Zooniin Dinagdee Walabaa Quilinxoo misoomsitoota damicha irratti bobba’aniif haala addaa miijessuu isaa fi naannawa miijataa uumuu dubbataniiru.
Misoomsitootaaf bu’uuraalee misoomaa guutuu bira darbee deggersi fi hordoffiin walirraa hin citne akka kennamus eeraniiru.
Zoonichatti ammaatti dhaabbileen galteewwan yaalaa fi qoricha adda addaa oomishuu irratti bobba’an 28 jiraachuus kaasaniiru.
Misoomsitoonni kunniin abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaa hojii eegalanii fi adeemsa irra jiran ta’uu isaanii ti kan ibsan.
Adeemsi hojii oomishaa fedhii fi itti fayyadama qorichaa kan bu’uureffatee ta’uus dubbatanii, zoonicha giddugala oomisha qorichaa cimaa gochuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.
Kanaafis abbootiin qabeenyaa qorichaa fi oomishaalee walfakkaatan irratti bobba’uu barbaadan Zoonii Dinagdee Walabaa Qilinxootti qabeenya isaanii akka misoomsan waamicha dhiyeessaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia