Finfinnee, Fulbaana 10, 2019(FMC) – Simannaa fi kunuunsi Raayyaa Ittisa Biyyaan nuuf godhame olola hoggantoonni garee seeraan alaa ABUT oofaniin wal hinargu jedhan hidhattoonni garichaa Ajaja Kaabaa Dhihaa RIBtti harka kennatan.

Hidhattoonni kunniin bakka haaromsaaf mootummaan qopheesseefitti wayita geggeeffaman akka dubbatanitti RIBtti harka kennachuu isaaniin boqonnaan itti dhaga’ameera.

Kunuunsi Raayyaa Ittisaa irraa argatan olola garichi afarsaa jiru irraa adda ta’uus dubbatan.

Erga harka kennatanii booda simannaa ho’aa fi kunuunsi argatanis kan eegameen ol ta’uu ibsuun jajaniiru.

Raayyaa Ittisaan alattiis hawaasni naannoo akka isaan simate ibsaniiru.

Nuti nagaan mootummaatti harka kennanneerra, hidhattoonni garichaa biroon haala rakkisaa keessa jiranis waamicha nageenyaa kana akka fudhachuun daandii nagaa filachuu qabu jechuun
dhaamaniiru.

Ajaja Kaaba Dhihaatti Itti gaafatamaan Qajeelcha Loojistiksii Koloneel Abbaay Taaddasaa hidhattoonni kunniin shira badii garichaa hubachuun harka kennachuuf murteessuun isaanii murannoo nageenyaaf qaban akka mul’isu ibsaniiru.

Hidhattoonni biroonis kiyyoo badii garichaa keessaa miliquun daandii nagaa akka filatan waamicha dhiyeesuu isaaniis deeffannoon Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment