Jila Guddaa Oromoo – Irreecha

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC)- Ayyaanni Irreechaa duudhaalee sirna Gadaa Oromoo keessaa isa tokko.

Irreechi calaqqee eenyummaa fi ulfoo guddaa uummata Oromooti.

Irreechi Sirna galateeffannaa Uummanni Oromoo ganna gurraacha irraa gara booqaa Birraatti darbuu isaatiif Uumaa isaa itti galateeffatu mallattoo Abdii fi hawwii gaariiti.

Oromoon waqtii Gannaa dukkanaa fi dhoqqee baay’atu, lagni guute malkaa ce’uun dadhabamee, hurriin lafa uwwisee lafa dukkanaa’u keessa darbee Birraa ta’uu isaaf waaqa isaa galateeffata.

Bu’uurri isaa guddaan ammoo araaraa fi nagaadha.

Irreechi guyyaa galataa, namni hundi akkuma umrii isaatti uffata aadaa uffatee, dargaggoonni bareedanii, haadholiin faaya aadaan miidhaganii Abbootiin Gadaa Kallacha, Alangee fi Marga Jiidhaa qabatani durbaa Qarree fuulduraa aansuun, beera cifiree kan umriin deeman, Abbootii Gadaa fi foolleen akkasuma hawaasni walduraa duubaan gara malkaatti deemu.

Bakka Horaattis uumaa isaa galateeffatu, kan har’an nu geesse bara dhufuun nu gahi jedhanii irreeffatu.

Irreechi ayyaana galateeffannaa Oromoo ta’ee, waltajjii jaalalli, tokkummaa fi obbolummaan ummatootaa itti cimuudhas.

Calaqqee Sirna Gadaa Oromoo kan ta’e Irreechi, aadaa, duudhaa fi eenyummaa Oromoo dhalootaa dhalootatti dabarsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Akkasumas, ayyaanichi waltajjii addunyaarratti aadaa fi seenaa ummata Oromoo, akkasumas miidhaginni waloo Itiyoophiyaa kan itti mul’atudha.

Irreechi Oromoo biratti mallattoo eenyummaa, aadaa, duudhaa, seenaa fi tokkummaati.

Ayyaanichi waggaa waggaan ummata miiliyoonaan lakka’amu walitti fiduun hariiroo hawaasummaa isaanii kan guddisuudha.

Akkasumas Irreechi tuurizimiif gahee olaanaa qaba.

Yeroo ayyaanichaa uffannaa fi faaya aadaa, nyaata aadaa Oromoo, meeshaalee aadaa fi oomishaalee biyya keessaa irratti fedhiin ni dabala.

Ayyaana Irreechaa irratti turistoonni biyya keessaa fi alaa baay’inaan hirmaachuun damee tuurizimii biyyattii caalmaatti guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Galiin tuuristoota irraa argamu dhaabbilee tajaajilaa, manneen jireenyaa, manneen nyaataa, geejjibaa fi daldala adda addaaf madda galii ta’uun, sochii diinagdee daran dadammaqsa.

Eeyyee, jila aadaa fi mallattoo eenyummaa Oromoo qofa miti, aadaa beeksisuun madda galii tuurizimii ta’ee dinagdees utubaa jira.

Tsahaay Gulummaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment