Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Kilabni Xaaliyaanii AC Miilaan leenjisaa kilabichaa Maasii Miiliyaanoo Aleegiriin waliin gargar baheera.
Miilaan tapha xumuraa Seeriyaa A bara kanaan Kaagiliiyaariin galchii 2 fi 1’n injifatamuu hordofee sadarkaa 5ffaan xumuruuf dirqameera.
Sababa kanaan bara kanas walitti aansuun yeroo 2ffaaf hirmaannaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa osoo hin argatin hafeera.
Inter Miilaan, Naappoolii, Roomaa fi Koomaan Xaaliyaanii bakka bu’uun waltajjii Awurooppaa kanarratti kan hirmaatu ta’u.
Qabxii kilabicha galmeesse hordofee leenjisichi gaggeeffamaniiru.
#Oromia #Ethiopia