Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Lakkoofsi namoota Eenyummeessaa Dijitaalaa ykn Fayidaa irratti galmaa’anii miiliyoona 43.9 ol ga’eera jedhe Sagantaan Eenyummeessaa Biyyaalessaa.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa herreegni baankii magaalota filataman keessatti banaman hamma Caamsaa 6, 2018tti Eenyummeessaa Fayidaa maamiltootaa waliin akka walitti hidhamu daangaa yeroo kaa’ee akka ture ni yaadatama.
Haaluma kanaan, lammiileen osoo daangaan yeroo hin xumuramiin, lakkoofsa herrega baankii isaanii Eenyummeessaa Dijitaalaa waliin akka walqabsiisan waamichi irra deddeebi’amee dhiyaachaa tureera.
Haa ta’u malee, lammiileen hedduun osoo daangaan yeroo hin xumuramiin dura lakkoofsa herrega baankii fi Telebirr isaanii Eenyummeessaa Dijitaalaa waliin akka wal hin qabsiisne ragaan Fanaa Dijitaal baankota irraa argate ni agarsiisa.
Daangaan yeroo herrega baankii Eenyummeessaa Fayidaa waliin walqabsiisuu xumuramuu isaa hordofee, qajeelfama Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bu’uura godhachuun, maamiltoonni herrega baankii isaanii wal hin qabsiisin sochoosuu akka hin dandeenye ta’eera.
Herregni baankii wal hin qabanne socho’uu irraa dhorkamuu isaatiin kan ka’es, maamiltoonni gara baankotaa deemuun gaaffii walqabsiisuu dhiyeessaa jiru.
Baankonnis gaaffii maamiltootaa tilmaama keessa galchuun, akka haala hojimaata isaaniitti herrega baankii maamiltootaa Eenyummeessaa Dijitaalaa waliin walqabsiisuun herrega baankii isaanii akka sochoosan gargaaraa akka jiran Sagantaan Eenyummeessaa Biyyaalessaa Fanaa Dijitaaliif ibseera.
Kanaafuu, lammiileen lakkoofsa herrega baankii fi “Telebirr” isaanii ariitiin gara baankotaa deemuun Eenyummeessaa Dijitaalaa waliin walqabsiisuu akka qaban sagantichi cimsee hubachiiseera.
Lammiileen herrega baankii isaanii Eenyummeessaa Dijitaalaa waliin kan wal hin qabsiisne yoo ta’e, herregni baankii isaanii baasii gochuu irraa dhorkamee kan turu ta’uu mirkaneesseera.
Eenyummeessaan Dijitaalaa Fayidaa keessummaa seektera faayinaansii keessatti dogoggoraa fi waliin dha’uu ittisuu bira darbee, tekinooloojiiwwan ammayyaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsameera.
Adeemsi galmee Eenyummeessaa Dijitaalaa Faayidaa kutaalee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti jabaatee kan itti fufe yoo ta’u, lammiileen Itiyoophiyaa Dijitaalaa uumuuf bu’uura kan ta’e galmee Eenyummeessaa Dijitaalaa akka raawwatan waamichi dhiyaateera.
Gama biraatiin, hojii maamiltoonni herrega baankii isaanii Eenyummeessaa Fayidaa isaanii waliin akka walqabsiisan jalqabame kana waliin-dhooftonni akka carraatti fayyadamuuf yaalaa jiru.
Kanaaf, lammiileen akka of-eggatan gaafatameera.
Bakka jirtan irraa liinkii baankii miseensa itti taatanii qofa fayyadamuun walqabsiisaa; liinkiin walqabsiisaa baankota hundaa: https://id.et/connect
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia