Finfinnee, Onkoloolessa 8, 2019 (FMC) — Utubaawwan bu’uura dinagdee Itiyoophiyaa Mootummaa Ida’amuun hojiirra oolan keessaa tokko Teeknooloojii Odeeffannoo ti.
Kana malees, hojiiwwan waggoota darban keessatti hojjetaman, keessumaa ijaarsa dinagdee dijitaalaa irratti, bu’aawwan dinqisiisoon galmaa’aniiru. Damee kana keessatti bu’aawwan olaanoon galmaa’aniyyuu, balaa nageenya saayibarii irraa maddu hambisuun garuu hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’ee itti fufeera.
Ji’i Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa marsaa 7ffaa, “Lammiilee Dammaqoo; Biyya Nageenyi Ishee Eegame” jedhuun, Onkoloolessa 1 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 30, 2019tti sagantaalee garaagaraatiin kabajamaa jira.
Kaayyoon ijoo ji’a kanaa hubannoo hawaasaa fi dhaabbilee nageenya saayibarii irratti qaban cimsuun, Itiyoophiyaa dijitaalaa nageenyi ishee eegame dhugoomsuuf imala taasifamu milkeessuudha.
Yeroo ammaa kana balaan haleellaa saayibarii irraa maddu dabalaa, bifa isaa jijjiirachaa, caalaatti walxaxaa fi balaa cimaa kan geessisuu danda’u ta’aa dhufeera.
Haleellaawwan bu’uuraalee misoomaa murteessoo irratti raawwataman, odeeffannoo sobaa tamsaasuu fi waraanni odeeffannoo hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa irratti rakkoolee uumuu danda’u.
Bara 2018 ALI qofa keessatti yaaliiwwan haleellaa saayibarii kuma 71 ol ta’an karaa Giddugala Biyyaalessaa Deebii Hatattamaa Balaa Saayibarii (Ethio CERT) Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) tiin gabaafamaniiru.
Haa ta’u malee, INSA hordoffii fi to’annoo sa’aatii 24 guyyoota torban hunda gaggeessuutiin haleellaawwan kun miidhaa biyya keenya irraan akka hin geenyeefi daangaan dijitaalaa Itiyoophiyaa akka eegamuuf bal’inaan hojjechaa jira.
Itiyoophiyaa keessatti birmadummaa dijitaalaa eegsisuuf, gama humna namaa, teeknooloojii fi ijaarsa sirna hojii ilaalchisee hojiiwwan bal’aan hojjetamaniiru.
Odeeffannoon INSA akka agarsiisutti, dargaggoota damee saayibarii keessatti dandeettii addaa qabaniif carraa uumuu, teeknooloojiiwwan nageenyaa biyya keessaa maddan guddisuu, akkasumas bu’uuraalee seeraa fi dambiiwwan to’annoo diriirsuun danda’ameera.
Dameewwan Tarsiimoo Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 keessatti milkaa’ina argatan keessaa babal’achuu fayyadama interneetii, dameen telekoomii dorgommiif banamuu, sirnoonni kaffaltii dijitaalaa babal’achuu fi tajaajiloonni mootummaa karaa dijitaalaa dhiyaachuu isaanii caqasuun ni danda’ama. Hojiiwwan kunneen hundi ce’umsa dijitaalaaf bu’uura kaa’aniiru.
Yeroo ammaa kana Tarsiimoo Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojiirra oolaa jiru dhugoomsuu fi guddina teeknooloojii humna murteessaa badhaadhina biyyaalessaa taasisuuf dameewwan hundaan hojjetamaa jira.
Naannoo dijitaalaa balaa saayibarii irraa eeguun birmadummaa dijitaalaa, nageenya lammiilee fi imala misoomaa eeguu jechuudha. Kanaafuu, humna namaa dammaqaa fi itti gaafatamummaa qabu kan naannoo dijitaalaa eeguufi nageenya isaa cimsu ijaaruun cimee itti fufa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa