Adeemsi ajandaa walitti qabuu bilisa, hammataa fi diimokiraatawaa akka ta’u hojjetame – Piro. Masfin Aar’ayaa

Finfinnee, Caamsaa 20, 2018 (FMC) – Adeemsi ajandaa walitti qabuu Maree Biyyaalessaa bilisa, hammataa fi diimokiraatawaa akka ta’u hojjetameera jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aar’ayaan.

Komishinichi wixinee ajandaa maree biyyaalessaatti dhaabbilee fi Waldaalee Hawaasa Siiviilii waliin mari’achaa jira.

Yaa’ii Maree Biyyaalessaa bara kana gaggeeffamurratti bakka buutoonni kumni 4 ni hirmaatu jedhan Komishinarichi yaada waltajjicharratti kaasaniin.

Adeemsi ajandaa walitti qabuu maree biyyaalesaa aanaalee biyyattii % 93 uwwisuu dubbatan.

Adeemsichi bilisa, hammataa fi Diimokiraatawaa akka ta’uuf hojjetamuu eeran.

Zufaan Ambaachawun

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment