Finfinnee, Caamsaa 19, 2018(FMC)- Uummanni Booranaa sirna diimokiraasiin buluu Ameerikaa dura eegale jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawa Sagantaa Eebba Giddugala Aadaa Booranaa irratti taasisaniin, Yaa’aballoon lafa seenaa addaa qabu ta’uu ibsan.
Lafa aadaafi seenaan Oromoo waggaa dhibbaatamaaf kunuunfamee har’a gahe ta’uu eeruun, Giddugala aadaa uummata Oromoo bal’aa agarsiisu haala Kanaan ijaaruu danda’uu keessaniif baga gammaddan jedhaniiru.
Wayita Ameerikaan sirna diimokiraasii jalqabdu Booranni Abbaa Gadaa 47ffaa irra akka ture yaadachiisaniiru.
Ameerikaan waggaa 300 booda sirna diimokiraasii eegaluu ibsuun, maddi diimokiraasii Uummata Booranaa ta’uu kaasaniiru.
Uummanni Booranaa aadaa isaa bulfachuu qofa osoo hin taane qabsaa’ee mo’ee abbaa biyyummaa isaa mirkaneessuu danda’uus ibsaniiru.
Uummanni Booranaa uumaafi uumama waliin jiraachuu aadaasaa akka godhate ibsuun, hundi anaaf ta’a hin jedhu qooddatee jiraata jedhan.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia