Finfinnee, Onkololeessa 2, 2019 (FMC) – Alaabaan eenyummaa, kabajaa fi tokkummaa biyyaa kan ibsuudha.
Atileetotaaf ammoo mallattoo qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa biyya bakka bu’uu, abdii ummataa fi gammachuu injifannoo kan calaqqisiisuudha.
Atileetonni miira dadhabbii akka dandamatan, qormaata keessatti akka cichan fi bu’aa fooyya’aa galmeessuuf akka tattaafatan isaan kakaasa.
Seenaan atileetiksii Itiyoophiyaa walitti dhufeenya kanaaf ragaa jiraataadha.
Atileet Abbabaa Biqilaa bara 1960 Olompikii Room irratti fiigicha maaraatoonii miila duwwaa injifachuun maqaa biyya isaa addunyaa irratti beeksiseera.
Sana boodas Daraartuu Tulluu, Haayilee Gabrasillaasee, Qananiisaa Baqqalaa, Xurunash Dibaabaa fi atileetonni biroon Olompikii fi Shaampiyoonaa Addunyaarratti injifannoo galmeessuun alaabaa Itiyoophiyaa ol kaasanii mul’isaniiru.
Milkaa’inni atileetota kanaa bu’aa dandeettii fi shaakala qaamaa qofa miti; bu’aa cichoominaa, cimina xiinsammuu fi itti gaafatamummaa biyya bakka bu’uu irratti kan hundaa’edha malee.
Wayita injifatan mara alaabaa biyya isaanii qabatanii injifannoo isaanii kabaju, milkaa’inni dhuunfaa isaanii gara kabaja biyyaalessaatti jijjiirama.
Kana malees, ispoortiin daangaa garaagarummaa ce’uun kaayyoo waliiniin namoota walitti hidhuuf humna guddaa qaba.
Biyyi garaagarummaa hedduun ijaaramte Itiyoophiyaan, ispoortii fayyadamuun eenyummaa waloo, duudhaa wal kabajuu fi hafuura waliin jiraachuu cimsachaa jirti.
Alaabaan biyyaalessaas mallattoo injifannoo qofa osoo hin taane, kabaja waloo atileetotaa fi ummata walitti fiduu dha.
Ispoortiinis dorgommii bira darbee bu’uura nagaa, tokkummaa fi abdii walooti.
Waarqinee Gaashaahuuniin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa