Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingilaandiin Maanchiister Siitiin Liiverpuul injifate.
Tapha torbee 6ffaa har’a galgala sa’aatii 12:30 eegalee taphatameen Maanchiister Siitiin galchii 3 fi 0’n Liiverpuul injifateera.
Eerling Haalaandi daqiiqaa 65′ Jarmii Dookuun daqiiqaa 68′ Rayaan Charkiin daqiiqaa 78′ irratti Siitiif galchii tokko tokko lakkoofsisaniiru.
Kana hordofee Maanchiister Siitiin qabxii isaa 18’n gahachuun dursummaa isaa cimsateera.
Arsenaal qabxii 15’n sadarkaa 2ffaa fi Biraayitan qabxii 13’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.
Tootenhaamii fi Koovantarii Siitiin taphoota 6 irraa qabxii 3 qofa walitti qabachuun, Fuulhaam ammoo qabxii 2 qofan walduraa duubaan sarara gadii keessatti argamu.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa