Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Taphataan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaa maatii Itiyoophiyaa irraa dhalate Alii Ahimad Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwateera.
Kilaba Kubbaa Miilaa Ingilaand Noorwiich Siitiif taphachaa kanjiru Alii Ahimad, Waancaa Addunyaa 2026 irratti garee biyyaalessaa Kaanaadaaf taphoota afur irratti hirmaachuun ga’umsa mul’iseen dinqisiifannaa olaanaa argateera..
Taphataan dargaggeessi kun gara Itiyoophiyaa dhufuun iddoowwan hawwata turizimii adda addaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman daawwachaa jira.
Alii Ahimad hirmaannaa ispoortii jajjabeessuuf, akkasumas misooma ispoortii Itiyoophiyaa irratti bu’aa gaarii fiduuf gaaffii Imbaasiin Itiyoophiyaa dhiyeesseef gammachuudhaan fudhachuun gara Itiyoophiyaa dhufeera jechuun ibsameera.
Ministeerri Dhimma Alaa, Ministeerri Aadaa fi Ispoortii, Ministeerri Turizimii fi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa turtii Alii Ahimad Itiyoophiyaa keessatti taasisu milkaa’ina akka qabaatuuf hojii waloo hojjechaa jiru.
Alii Ahimad guyyaa har’aa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia