Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) –Tapha piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 37 har’a taphatameen Maanchiister Siitiin Boornimaawuuz waliin qixa bahuu hordofee Arsenaal Shaampiyoonaa bara kanaa ta’uu mirkaneeffateera.
Kana hordofee Arsenaal taphni tokko osoo isa hafuu waggoota 22 booda shaampiyoonaa Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2025/26 ta’eera.
Arsenaal erga bara dorgommii seenaa qabeessa 2003/04 as waancaa liigichaa argachuuf waggoota 22 guutuu eeguuf dirqameera.
Tapha har’aan Maanchiister Siitiin qabxii Boornimaawuux waliin qabxii qooddachuu isaan, Arsenaal tapha torbee 38ffaa osoo hin eegiin dursee shaampiyonaa ta’eera.
Deeggartoonni Arsenaal barootaaf obsaa fi cichoominaan turan har’a bu’aa obsaa fi cichoomina isaan argataniiru.