Ashaaraa magariisaa fi hawwattummaa magaalaa…

Jijjiirama biyyaalessaan asitti inisheetiiviiwwan hojiirra ooluun bu’aalee gama maraa fidaa jiran keessaa sagantaan Ashaaraa magariisaa isa tokko.

Sagantaan kun yeroo ammaa addunyaatti bowwuu mataa kan ta’e jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu keessatti gahee leencaa bahachaa jira.

Biyyattiin wagga waggaan sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’aman dhaabuun uwwisa bosonaa addunyaa akkasumas biyyattiif gumaachaa olaanaa taasisaa jirti.

Kun immoo tattaaffii jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasiftuuf ragaa eenyuyyuu haaluu hin dandeenyedha.
Biqiltuuwwan sagantaa Kanaan dhaabaman lalisuun rakkoolee dhiqama biyyeefi balaa lolaa ittisuu keessattis qooda olaanaa bahachaa jiru.

Ashaaraan magariisaa damee diinagdee keessattis qoodni inni bahachaa jiru waan akka laayyootti ilaalamu miti.

Biqiltuuwwan nyaataaf oolan madaala uumamaa eeguun cinaatti galii qonnaan bultootaa dabaluun diinagdee isaanii utubaa jiru.
Kana malees wabii midhaan nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu deeggaraa jiru.

Ashaaraan magariisaa madaala uumamaa eeguu, wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii uumuu dabalataan naannawaa jireenyaa mijataafi hawwataa ta’e uumuus danda’eera.

Biqiltuuwwan nyaataaf oolaniifi miidhaginaa wagga waggaan magalota keessatti dhaabaman magaalotatti simboo haaraa uwwisaniiru.

Keessumaa biqiltuuwwan misooma kooriidariifi misooma qarqara laggeeniin walqabatanii dhaabaman magaalotaaf faaya dabalataa ta’aniiru.

Kun immoo magaalota hawwatoofi jireenyaaf mijatoo taasisuu keessatti qooda olaanaa akka bahatu isa taasiseera.

Ayyaanaa Dheeressaan.

Comments (0)
Add Comment