Karoorri ofdanda’uu, karoora tarsiima’aa hiree uummata Oromoo gara ce’umsa olaanaatti tarkaanfachiisuudha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Qorannoon raawwii hojii Mootummaafi Paartii kurmaana 1ffaa bara 2019 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Bishooftuu, Galma Harsadeetti guyyoota 4f gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurame.

Gamaaggamni raawwii hojii Paartiifi Mootummaa akkasumas mariin karoora ofdanda’uu irratti guyyoota arfan darbaniif Magaalaa Bishooftuu galma Harsadeetti geggeeffamaa ture kallattii hojii Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin goolabameera.

Pireezdaanti Shimallis xumura waltajjii kanaarraatti kallattii hojii kennaniin, karoorri ofdanda’uu karoora tarsiima’aa hiree uummatni Oromoo ofharkaa qabu ce’umsa olaanaarraan ittiin geenyuudha jedhan.

Hiree Uummata Oromoo ce’umsa olaanaarran gahuuf qabanne dhugoomsuuf carraawwan misoomuu rogdaneessa lafa mijataa, uummata gulantaa umurii omishaa irra jiru qabaachuu,yaadama bu’a-qabeessummaan isaa mirkanaa’ee, hooggansa qabsoon Oromoo uumeefi mootummaa muuxannoo horate qabaachuu keenya beeknee xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojiirra oolchuu qabna jedhan.

Karoorri Ofdanda’uu rakkoo ummanni keessa jiru barree carraawwan of harkaa qabnuun furmaata waaraa fiduuf kan qophaa’ee ta’uu ibsan.

karoorri ofdanda’uu indaastiraalummaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu akka ta’e kaasan.

Kunis,humna namaa, bu’uuraalee misoomaa omishtummaa guddisan, adeemsa omishuu maashiniin deeggarame,tekinoloojiifi omishtummaa olaanaa mirkaneessuudhaan akka walqabatu ibsan.

Ogummaafi dhaweessummaan, maashiniifi tekinoolojiin,qusannaa nama dhuunfaafi mootummaan,faayinaansii fi liqii guddisuun,omishtummaa guddisuun, haaromeefi magaalomuun motoora olaanaa milkaa’ina karoora ofdanda’uu ta’uus hubachiisaniiru.

Kana gochuufis geggeessummaa hooggansa mootummaa Idaa’amu,humnoota waloo,badhaadhina maatiifi humna mootummaa sirna itti gaafatamummaa olaanaadhaan qindeessuudhaan hoogganuu irratti fuuleffachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Karoora kana hojiirra oolchuudhaan sadarkaa maatiitti hiyyummaan kan hir’atu,itti fayyadamni maashinarii kan guddatu,haaromee kan qabaatuufi ce’umsa olaanaatti tarkaanfachuun sadarkaa dandamannaa guddisuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisan Pireezidaanti Shimallis.

Sadarkaa gandaatti humna bishaan bulchuufi itti fayyadamuu,damee hundaan induustiraalummaatti ce’uu, guddinni ogummaa,qusannaafi dandamannaan, annisaafi omishtummaan sadarkaa olaanaatti akka ce’u xiiqiifi kutannoo olaanaan hojjechuu kan gaafatu ta’uu dhaamaniiru.

Pireezdaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaanitiin waggoottan shanan dhufan akka waggaa digdamii shaniitti hojjechuun imaanaa uummatni nutti kenne amanamummaan raawwachuuf nii hojjenna jechuun ibsan.

Karoorri ofdanda’uu bu’uurri isaa waadaa uummataaf galle ta’uu kan himan obbo Kaffaaloon, karooricha xiiqii olaanaadhaan raawwachuun ce’umsa hunda-galeessa mirkaneessuu qabna jedhan.

Karoorri Ofdanda’uu hirkattummaa gosa kamirraayyuu walaba ta’uun kabaja biyyaafi uummata keenyaa karaa guutuu ta’een kan ittiin dhugoomsinu waan ta’eef,amala salphistummaa keessaa bahuun xiyyeeffannaa olaanaan hoogganuu qabna jedhan.

Karoora kana raawwachuun waadaa uummataa kabajuun alatti dhimma sirna waaressuu waan ta’eef,abbaa karoorichaa kan ta’e hawaasa hirmaachisuun raawwi isaatiif tumsa walirraa hincitne taasisuu murteessa ta’u himaniiru.

Horata karoora xiiqii keessatti arganne karoora ofdanda’uun daran babal’isuun akkasumas qormaatilee turan maqsuuf xiyyeeffannaa addaan hojjechuun murteessaa akka ta’e hubachiisan.

Waltajjii gamaggama kanaan raawwiin hojii kurmaana 1ffaa, ciminaaleen galmaa’an, hanqinoonni mul’ataniifi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti mariin gadi fageenyaan gaggeeffamuun kallattiin hojii kaa’amuun goolabameera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment