Finfinnee, Adoolessa 18, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bu’aa dipilomaasii fi mallattoo misoomaa tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaa ti jedhan Ministirri Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee Dooktar Biqilaa Hurrisaa.
Dooktar Biqilaan akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa hojii mootummaa qofa osoo hin taane, mootummaa fi ummataan waloon kan gaggeeffamu ta’ee, waltajjii idil-addunyaatti maqaa fi beekamtii Itiyoophiyaa ol kaasaa kan jiruudha.
Erga jijjiiramni biyyaalessaa biyyattiitti jalqabee asi biqiltuun biiliyoona hedduun lakkaa’amu dhaabamuun imala biyyattiin gara dinagdee magariisaatti ce’uuf taasisaa jirtu milkaa’aa akka jiru agarsiisa jedhan.
Ashaaraan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa qofa osoo hin taane, tumsa naannawaa keessatti ergaa dipilomaasii haaraa dabarsaa jiraachuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota ollaaf biqiltuu dhiyeessuu fi muuxannoo eegumsa naannoo qooduun hariiroo naannawaa cimsaa jirti; kunis bu’aa dipilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru.
Jijjiirama qilleensaa dandamachuuf tarkaanfiin qabatamaan fudhatame addunyaan akka muuxannootti ilaalaa jiraachuu himanii, kunis Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa irratti beekamtii fi dinqisiifannaa akka argattu dandeessisuu ibsan.
Biyya keessattis Ashaaraan Magariisaa hirmaannaa waliigalaa lammiilee guddisuun, amantaa, umrii fi saala osoo hin qoodin ajandaa misoomaa biyyaalessaa lammiilee Itiyoophiyaa kaayyoo tokko jalatti walitti fidee ta’uu ibsaniiru.
Sagantichi dhimma biyyaarratti waliin hojjechuun bu’aa guddaa akka qabu agarsiisuu fi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.
Gama dinagdeetiinis Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuuf, akkasumas sadarkaa maatii irratti jireenya fooyya’aa uumuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu hubachiisan.
Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalatee hoggantoonni fi hojjettoonni mootummaa isaanii Magaalaa Bishooftuu qarqara Hora Harsadeetti Ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia