Ashaaraan magariisaa miidhaginarra darbe humna diinagdee ta’aa jira – obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Adoolessa 14, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI obbo Tamasgeen Xurunaan naannawaa Istaadiyeemii Idil Addunyaa Bahir Daaritti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaaban.

Guddattoota, dargaggootaa , hoggantootaa naannoo fi bulchiinsa magaalaa Bahiir Daar waliin ta’uun biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabneerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaan isaaniin.

Dhaabuun dandamachuurratti argamna jechuun ibsan.

Ashaaraan magariisaa miidhagina dabalataan humna diinagdee akka ta’u karoorsinee hojiin eegalle bu’aa jajjabeessaa argamsiiseera jedhan.

Magaalaan Bahiir Daar duras miidhagduu taatus caalmaatti hawwattuu gochuuf hojiin ashaaraa magariisaa murteessaa ta’uu kaasan.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa biyyaalessaa caalmaatti milkeessuuf tokkummaan haa hojjennu jedhuun dhaaman.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment