Finfinnee, Eebla 10, 2018 (FMC) – Humnoota shororkeessummaa fi finxaleeyyii humaota badii fedhii isaanii humnaan raawwachuf hidhatanii bosona jiran waliin hariiroo uumuun nagaa fi tasgabbii biyyattiijeequuf, akkasumas filannoo waliigalaa gufachiisuuf bobbii fudhatanii socho’aa kan turan shakkamtoonni 138 lto’annoo seeraa jala oolfamaniiru.
Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Faanaa miidiyaa Korporeshiniif ibsa ergeen, naannoolee biyyattii adda addaatti bobbii badiisaa fudhatanii shakkamtoota socho’aa turan irratti naamusa cimaan hordoffiin geggeeffamaa turuun qaamolee nageenyaa Federaalaa fi naannoolee walin qindoomuun Ebla 9, 2018 irraa eegalee oppireeshinii geggeeffameen to’annoo jala oolfamaniiru.
Shakkamtoonni kunniin Finfinnee dabalatee magaalota gurguddoo fi naannolee filatamoo biyyattii adda addaa keessatti
jeequmsaa fi ofkara kaasuun, odeeffannoo diinaaf kennuun, humnoota badii hiidhataniif seelii ijaaruun, haleellaa fi nama ukkaamsuu ergama fudhatanii raawwachaa warreen turan ta’uun ibsameera.
Gartuuwwan shororkeessaa fi fiinxaleyii kanneeniif maallaqa, galaa, uffata loltummaa, raadiyoo quunnamtii, bilbila harkaa fi kaardota siimii, meeshaalee waraanaa fi dhukaatota walumaagalatti loojistiksii walitti qabaa fi dhiyeessaa akka turan, akkasumas magaalotaa fi gandoota filataman keessatti sochii filannoo gufachiisuun, walitti bu’iinsa Sabaa fi amantii bu’uureffate kakaasuuf bobbii fudhatanii socho’aa akka turan mirkanaa’uunis eerameera.
Shakkamtoota keessaa hangi murtaa’an shororkeessitota idil addunyaa Alshabaab fi “IS” jedhaman waliin hariiroo uumuun Soomaaliyaatti leenjii shororkeessummaa akka fudhatan mirkanaa’uus tajaajilichi beeksiseera.
Shakkamtoota oppireeshinii kanaan to’ataman keessaa daddabarsa seeraan alaa meeshaa waraanaa irratti bobba’uun gareewwan shororkeessaa fi fiinxaleeyyiif hidhannoo fi dhuka’aawwan adda addaa dhiyeessuun haala nageenya biyyaa hammeessuuf yaalaa turanis jedheera.
Daddabarsa namootaa fi kontiroobaandiin dinagdee waliin dhahuun dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa irratti hanqinni akka uumamu hojjechaa turuun isaanii mirkanaa’eeras jedhe.
Shakkamtoonni kunniin wayita to’ataman meeshaalee waraanaa, dhuka’aawwan fi boombiiwwan, maallaqa biyyoota alaa akkasumas meeshaalee kotiroobaandii waliin akka qabaman tajaajilichi eereera
Sochiiwwan shororkeessummaa eeraman kanneen dabalatee gochawwan badii adda addaa irratti bobba’ani kan turan waliigalaan shakkamtoonni 138 Raayyaa ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaaf qaamolee nageenyaa naannoolee waliin qindaa’uun to’annoo seeraa jala oolchuun akka danda’ame ibsameera.
Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa fedhii dhokataa humnoota badii fashaleessuu fi saaphana hariiroo isaanii ciruuf hordoffi qorannoo geggeessaa akka jiru, keessumaa filannoon biyyaalessaa dhufaa jiru rakkoo nagenyaa tokko malee akka geggeeffamuuf qophii dursaa xumuruu ibseera.
Hawaasnis kana hubatee tumsaa fi hirmaannaa gochuun gochawwan badii akkanaa eeruun tajaajilichaa fi qaamolee nageenyaa hunda cina akka dhaabbatu waamicha dhiyeessera.
#Oromia #Ethiopia