Finfinnee, Caamsaa 30, 2018 (FMC) – Atileet Geetaachoo Maasrashaafi Atileet Massalach Alamaayyoo dorgommii walakkaa Maaraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa Finfinneetti gaggeeffame injifataniiru.
Dorgommii walakkaa Maaraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dhiirotaan magaalaa shaggar irraa Atileet Geetaachoo Maasrashaa yoo injifatu Atileet Baalaayilliny Tashaagar Itiyoo- Elektirik irraa 2ffaa, Atileet Balaay Xilaahun ammoo Poolisii Magaalaa Finfinneerraa 3ffaa bahaniiru.
Bifuma walfakkaatuun dorgommii walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dubartootaan Atileet Massalach Alamaayyoo Poolisii magaalaa Finfinnee irraa yoo injifattu Atileet Zimaam Baaraakii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, Baqqalach Takkuu ammoo Magaalaa Shaggar irraa 3ffaa baateetti.
Kaayyoon dorgommichaa atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommii walakkaa maaraatonii biyya Deenmaarki Kooppanhaaganitti dorgomamu irratti himaatan fi jalaan ka’ii filuu akka ta’es beekameera.
#Oromia #Ethiopia