Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifame- L/J Asiraat Denneeroo

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifameera jedhan Ajajaa Olaanaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Leetenaal Jeneraal Asiraat Denneeroo.
 
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee, Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaatti Waajjira Kutaa Lallabaa Finfinnee fi Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee waliin ta’uun qophii kabaja Ayyaana Daamaraafi Masqalaa irratti waltajjii marii gaggeesseera.
 
Leetenaal Jeneraal Asraat Denneeroo wayita kana, Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa hordoftoota amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa biratti haala ho’aa ta’een kan kabajamuufi ayyaana dirree uummanni hedduun irratti hirmaatu ta’uu ibsaniiru.
 
Haalonni Ayyaanicha danqan akka hin jiraanneefi haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamuus eeraniiru.
 
Ayyaanicha haala maqaa gaarii biyyattii ijaaruufi tokkummaa cimsuun kabajuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
 
Abbootiin amantaa wantoota ayyaanicharratti dhorkaman hordoftootatti beeksisuun akkasumas qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun ayyaanicha haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan dhaamaniiru.
 
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii magaalichaa Tasfaayee Dandir gamasaaniin, ayyaanichi duudhaa amantichaa eegee akka kabajamuuf uummataafi abbootii amantaa waliin mariin taasifamuu ibsaniiru.
 
Mana Amantichaatti hojii gaggeessaan Kutaa Lallabaa Finfinnee Malaaka Birhaan Salamoon ammoo ayyaanicha tokkummaa bu’uura godhachuun akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajuun barbaachisaadha jedhaniiru.
 
Saaraa Siyyumtu gabaase.
Comments (0)
Add Comment