TBC’f Ragaan Seera Qabeessummaa Kennameef

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa, dhaabbata maqaa haaraan beekamtii seeraa argate, ‘Tigray Broadcasting Corporation (TBC)’ jedhamuuf ragaa eeyyama tajaajila tamsaasa miidiyaa kenneera.

Abbaan Taayitichaa ragaa eeyyamaa kana Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraayiif kan dabarsee yoo ta’u, naannichatti dhaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuuf dandeettii ogeeyyii fi hoggantoota miidiyichaa cimsuu fi deeggarsa biroo kennuuf mariin gaggeeffameera.

Itti gaafatamaan Dhimmoota Siyaasaa fi Gurmaa’ina Ummataa Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraayi, Obbo Radaa’ii Hallafoom yeroo kana akka ibsanitti, bulchiinsi Imaanaa naannichaa nageenya waaraa fi tasgabbii fiduu fi hojiiwwan guddinaa fi misoomaa saffisiisuufi dhaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuu hojjechaa jira.

Dhaabbatichi sagalee ummataa ta’ee gahee isaa sirnaan akka bahatuuf, Abbaan Taayitichaa deeggarsaa fi tumsa taasisaa jiru cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.

Daayirektarri Olaantuun Abbaa Taayitichaa, Aadde Hayimaanot Zallaqee gama isaaniin, dhaabbatichi miidiyaalee naannichaa maqaa haaraan ummata bira ga’aniif deeggarsa kennuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Keessattuu, seera miidiyaalee biyyaalessaa, faayidaa biyyaalessaa, ijaarsa nageenyaa, labsii miidiyaalee, akkasumas guddina naamusa ogummaa gaazexeessummaa irratti hubannoo fi dandeettii ogeeyyii guddisuuf leenjiiwwan ijaarsa dandeettii kennamuuf akka jiran ibsaniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment