Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) – Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajamaa jira.
Hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa Eebbifamoo Abunee Saawuroos, Barreessaa Qulqulluu Siinoodoosii Abunee Diyoosqooroos, Phaaphaasonni biroo fi hordoftoonni amantichaa hedduun bakka argamanitti sirna ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Daawwattoonni biyya keessaa fi alaa sirna kabaja ayyaanichaa daawwachaa kan jiran yoo ta’u, ayyaanichi lallaba, faaruwwanii fi kadhannaa garaanaan kabajamaa jira.
Maqdas Darajjeetiin
#Oromia #Ethiopia