Baankichi bara baajataa 2018 gibira Birrii biiliyoona 36.08 kaffale

Finfinnee, Hagayya 6, 2026 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2018 gibira Birrii biiliyoona 36.08 kaffale.

Gibirri biyyaaf kaffalamu qabeenya dhalootaaf darbu ta’uu kan ibse baankichi, gibira amanamummaan kaffaluun misooma biyyaa deeggaruu akka ta’e eereera.

Baankichi tajaajila faayinaansii kennuurra darbee gibira amanamummaan kaffaluun fakkeenyummaa isaa qabatamaan mirkaneessaa jira.

Dhaabbatichi bara baajataa 2018’tti gibira Birrii biiliyoona 36.08 kaffaluun misoomaafi guddina Itiyoophiyaaf qooda isaa bahachaa akka jiru ragaan Baankicharraa argame ni mul’isa.

Baankichi bara baajataa 2018 Birrii biiliyoona 707.47 walitti qabuun kuufama maallaqaa waliigalaa isaa Birrii tiriiliyoona 2.4 ol irraan gahuun ni yaadatama.

Kunis kan bara baajataa 2017 waliin yoo madaalamu guddina % 37 akka agarsiise Baankichi ibsee ture.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment