Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – ‎ Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf Magaalota gurguddoo biyyattii keessatti gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa banamuun tajaajila kennaa jiru.

Oomishaaleen adda addaa gatii madaalawaan gabaa Sanbataafi Dilbataa keessatti fayyadamtootaaf dhiyaachaa jiru.

Gabaan kun oomishtoonni oomisha isaanii kallattiin fayyadamtootaaf akka dhiyeessan carraa uumuudhaan, baasii daldaltoota giddugaleessaa irraa dabalamu hir’isuun fayyadamtoonni oomishaalee gatii madaalawaan akka argatan taasisaa jira.

Akka biyyaatti Gabaan Sanbataa fi Dilbataa kuma 2 fi 127 ol banuun qaala’iinsa gabaa hir’isuuf, hanqinni dhiyeessii oomishaafi daballiin gatii akka hin jiraanne taasifamaa jira.

Gabaan Sanbataa fi Dilbataa babal’isuun, maaddii qooduu fi misooma maaddii guutuu babal’isuun, qaala’iinsi gatii akka hir’atu qooda guddaa gumaachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsanii turan.

Gara fuulduraattis sirna daldalaa ammayyeessuun, hanga oomishaa guddisuun, walitti hidhaminsa dhiheessii oomishaa cimsuun caalmatti qaala’iinsa gatii hir’isuuf hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjetaman ta’uu yaadachiisan.

‎Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ammoo qaala’iinsa jireenyaa jiraattotaa salphisuuf gabaa sanbata fi Dilbataa 282 ol banuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuu irratti argama.

Bara baajataa 2019 kurmaana jalqabaa keessa hojiiwwan bu’a qabeessi jiraattota magaalaa Finfinnee fayyadanii fi hojiiwwan itti aananiif bu’uura kaa’an raawwatamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaa cimsuuf Birrii miliyoona 500 maallaqa naanna’aaf ramaduu fi gabaa Dilbataa babal’isuun oomishaalee bu’uuraa gatii madaalawaan akka dhiyaatan hojjetamaa jiraachuu kaasanii turan.

Daballii gatii seeraan alaa raawwatamu to’achuufis hordoffii gabaa fi hojii seera kabachiisuu cimsuun tarkaanfii fudhatamaa jira.

Baatiwwan darban keessatti daldaltoonni gabaa Sanbataa fi Dilbataa hojii seeraan alaa irratti hirmaatan 149 toora gabaa irraa kaafamaniiru.

Gabaan Sanbataa fi Dilbataa bu’aa argamu galmeessuu isaan hojiin giddugaloota gabaa babal’isuu, dhiyeessii guddisuu, carraa hojii uumuu, akkasuma hordofii fi to’annoo caalmaatti cimee itti fufa jedhame.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment