Finfinnee, Hagayya 6, 2018 (FMC)- Baankiin Siinqee hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuun, misooma hawaas-diinagdee fi deeggarsa misoomaa irratti hojiiwwan fakkeenyummaa gaarii kan qaban hojjechaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Baankichi gamaaggama raawwii hojii bara baajataa 2018 gaggeesseera.
Pirezidaantiin Baankichaa obbo Niwaay Magarsaa, bu’aan baankichi bara baajataa darbe keessatti galmeesse daran olaanaa fi imala baankichaa hundagaleessa kan saffisiisu ta’uu ibsaniiru.
Qabeenyi waliigalaa Baankii Siinqee Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 16 ol qaqqabuus obbo Niwaay dubbataniiru.
Dhiyeessiin liqii hanga ammaatti Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 27.1 kan gahee fi lammillee kuma 800 fi kuma 55 oliif liqeessuu himan.
Kaapitaalli waliigalaa isaas gara Birrii biiliyoona 23.1 tti guddateera jedhan.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicharratti argamuun, Baankiin Siinqee Bara baajataa 2025/26 raawwii hojii olaanaa galmeessuu dinqisiifataniiru.
Baankichi hammattummaa faayinaansii mirkaneessuu fi hirmaannaa diinagdee lammiilee guddisuun, misooma hawaas-diinagdee fi deeggarsa misoomaa irratti hojiiwwan hojjechaa jiru fakkeenyummaa gaarii kan qaban ta’uu himaniiru.
Baankichi hanga ammaatti liqii waliigalaa kenne, jiruuf jireenya hawaasaa kallattiin jijjiiruu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Baankichi imala guddina gama hundaan eegale kana cimsee akka itti fufuuf Mootummaan Naannichaa deeggarsa barbaachisaa ni taasisaas jedhan