Baankii Daldala Itiyoophiyaa 1 – 3 Madin Itiyoophiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2019 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 5ffaan Madin Itiyoophiyaan Baankii Daldala Itiyoophiyaa injifateera.

Tapha har’a waaree booda s’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti taphatameen Madin Itiyoophiyaan galchii 3 fi 1’n Baankii Daldala Itiyoophiyaa injifateera.

Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Nageellee Arsiin qabxii 11 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 10 sadarkaa 2ffaa fi Walaayittaa Diichaan qabxii 8’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment