Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2019 (FMC) – Taphataan beekamaan lammii Poortugaal, Kiristiyaanoo Roonaaldoon, galchiiwwan oomishuu ammas itti fufeera.
Taphataa cimaa Badhaasa Baaloon D’or yeroo hundaa jedhamee kan filatame Kiristiyaanoo Roonaaldoon, dirree kubbaa miilaa irratti seenaa haaraa barreessuu itti fufeera.
Taphataan umuriin isaa waggaa 41 gahe kun, seenaa kubbaa miilaa keessatti galchiiwwan 1,000 galmeessuuf imala isaa cimsatee itti fufeera.
Roonaaldoon tapha Liigii Piroo Sa’uudii torbee 12ffaa kaleessa galgala taphatameen Al Naasir Al Kuuluud 5-3n yeroo injifatu, galchiiwwan sadii galmeesseera.
Kanaanis, Roonaaldoon seenaa kubbaa miilaa keessatti yeroo 67ffaaf haatiriikii hojjechuu danda’eera.
Roonaaldoon hanga ammaatti seenaa taphoota kubbaa miilaa keessatti galchiiwwan 985 lakkoofsisuu danda’eera.
Kunis imala galchiiwwan 1000 galmeessisuu isaa akka milkeessuu danda’u kan mul’isuudha.
Galma galchiiwwan 1000 galmeessuuf hawwu sana bira ga’uuf 15 qofatu isa hafa.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa