Finfinnee, Ginboot 9, 2018 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa i Itiyoophiyaa Elektriikiin 2 fi 0n mo’achuun, shaampiyoonaa Piriimiyer Liigii Dubartootaa Itiyoophiyaa bara 2018 ta’eera.
Piriimiyer Liigiin Dubartootaa Itiyoophiyaa bara 2018 har’a tapha Istadiyamii Abbabaa Biqilaatti taphatameen xumura argateera.
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa Elektriik hamma dhuma liigichatti qabxiidhaan walqixa ta’anii har’a kan wal morkatan yoo ta’u, taphichis olaantummaa Baankii Daldalaatiin galchii 2 fi 0n xumurameera.
Taphicharratti Redi’eet Asrasaahany fi Imush Daanieel galchiiwwan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa lakkoofsisaniiru.
Qabxii kana hordofee Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa qabxii 69n injifataa Piriimiyer Liigii Dubartootaa Itiyoophiyaa bara 2018 ta’uu danda’eera.
Haaluma kanaan, Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa waancaa Piriimiyer Liigii Dubartootaa Itiyoophiyaa yeroo 6ffaa walitti fufuun, akkasumas walumaagalatti yeroo 9ffaaf mo’achuuu danda’eera.
Gama biraatiin, taphattuun Itiyoophiyaa Elektriik Daagmaawiit Solomoon gooliiwwan 24 galchuun galmeessituu goolii baay’ee liigichaa ta’uun xumurteetti.
Indaalkaachoo wadaajeetu gabaase
#Oromia #Ethiopia