Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) – Bara baajataa 2018 oomisha albuudaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 700 ol argameera jedhe Ministeerri Albuudaa.
Ministeerichi waltajjii gamaaggama raawwii karoora bara 2018 fi karoora bara 2019 gaggeessaa jira.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Habtaamuu Taganyi wayita kana bara baajatichaatti warqeen toonii 44.067 oomishamuu ibsaniiru.
Kana keessaa warqeen tooniin 40.86 oomishtoota karaa aadaan oomishaniin oomishamuu; tooniin 3.209 ammoo dhaabbileen oomishamuu eeraniiru.
Oomisha warqeerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.65 ol argamuus ibsaniiru.
Akka waliigalaatti albuudarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 700 ol argamuu kaasanii, bara baajataa 2019’tti galii Doolaara biiliyoona 6 fi miiliyoona 700 argamsiisuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Jamaal Ahimad’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia