Finfinnee, Onkoloolessa 20,2019(FMC)- Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Appilikeeshinii haaraa qajeeltoowwan Shariyaa waliin walsimu “Michuu-Miizaan” ifoomseera.
Tajaajilli kun toora tajaajila baankii dhalarraa bilisaa baankichaa Koopbaank Alhudaa jalatti kan kennamu yoo ta’u, xiinxala odeeffannoo hubannoo nam-tolchee fi sirna faaynaansii dijitaalawaa irratti hundaa’een dhaabbileen daldalaa maaykiroo, xixiqqaa fi giddugaleessaa tajaajila faaynaansii haala salphaan akka argatan taasisuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
Hoji Raawwachiisaa olaanaan baankichaa Obbo Darribee Asfaawu wayita kana, tajaajilli kun daldaltoota filannoowwan faaynaansii qajeelfamaa fi duudhaa amantaa isaaniin walsimu dhabuu irraan kan ka’e, rakkoo isaan mudatu furuuf shoora olaanaa qaba jedhan.
Appilikeeshiniin Michuu- Miizaan karaa tajaajila I-Koomeers qajeeltoowwan Shariyaan maamiltoonni tajaajila faayinaansii akka argataniifi adeemsa bittaa raawwachuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Hundeessaafi Hojii Raawwachiisaa olaanaan Kiffiyyaa Faayinaanshiyaal Teeknooloojii Muniir Duurii gamasaaniin, hojii yaaliirra kan ture Michuu-Miizaan tajaajila faayinaansii qajeeltoowwan Shariyaa waliin walsimu miiliyoona 2 ol maamiltoota kuma 4 oliif dhiyeessuu ibsaniiru.
Abeel Nawaayitu gabaase.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa