Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Barattuu Siimboo Darajjee fi Hayimaanoota Yohaannis Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017’n akka biyyaatti barattoota shamarranii keessaa qabxii olaanaa galmeessan.
Barattuu Siimboo Darajjeen qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Damee Saayinsii Hawaasaan dubartoota keessaa qabxii olaanaa galmeessite.
Barattuu Siimboo Darajjeen Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 damee Saayinsii Hawaasaan qabxii 548 galmeessuun dubartoota keessaa qabxii olaanaa fidde.
Siimboo Darajjee Ayyaanaan Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa Qulqulluu Yooseefitti barachaa turte.
Barattuu Hayimaanoota Yohaannis ammoo Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 damee Saayinsii Uumamaan barattoota shamarranii keessaa akka biyyatti waliigalaan qabxii 579 galmeessite.
Hayimaanoota Yohaannis Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Bisiraata Gabre’eeliitti barachaa turte.
#Oromia #Ethiopia