Bidiruun dhidhimuu hordofee lubbuu namootaa baraaruuf tattaaffiin taasifamaa jira

Finfinnee, Onkoloolessa 30, 2018 (FMC) – Naannawaa daangaa Maaleezyiyaa fi Taayilaanditti Bidiruun dhidhimuu hordofee lubbuu namootaa baraaruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu gabaafame.

Namoonni 300 ta’an Bidiruu guddaa tokkoon Maayinaamaar Magaalaa Butiidaangii erga ka’an naannawaa daangaa akkuma gahanii  bidiruuwwan 3tti qoodamuun akka imalan taasifamuu Abbaan Taayitaa Mariitaayimii Maaleezyiyaa beeksiseera.

Bidiruu tokkorra balaan dhidhimuu qaqqabuufi hanga ammaatti namoonni 10 lubbuun argamuu ibsame.

Balaan kun kan mudate guyyoota sadi dura yoo ta’u, haalli bidiruuwwan lamaan irra jiran kan hin beekamne fi lubbuu namootaa dhabamanii baraaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru abbaan taayitichaa himeera.

#Oromia#Ethiopia

Comments (0)
Add Comment