Finfinnee, Ebla 10, 2018 (FMC) – Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu beeksifteetti.
Guyyaa kaleessaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Libaanos gidduutti taasifame hordofee Ulaan Hormuuz dooniiwwan daldalaa hundaaf banamus Iraan har’a irra deebiin cufuu beeksisteetti.
Humni Waraanaa Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufamuu Miidiyaaleen Iraan kan gabaasan yoo ta’u, kana hordofees dooniiwwan daldalaa Idil addunyaa irratti dhiibbaan olaanaan uumamaa jira.
Kanaan walqabatee daldala dooniiwwan idil-addunyaa irratti gufuun guddaan uumamaa jira jedhameera.
Kana hordofee, doonii daldalaa “Minerva Europe” jedhamtu dabalatee, dooniiwwan hedduun sararicha irra imalaa turan gara dhufanitti of booda deebi’aa akka jiran BBC’n gabaaseera.
Gama biraatiin, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanos keessatti taasifame bal’inaan kabajamaa kan jiru ta’us, raayyaan ittisa Israa’el kibba Libaanositti dhokdhokkee tokko irratti haleellaa raawwateen lubbuun nama tokkoo darbuu Libaanos beeksifteetti.
Israa’el gama isheetiin haleellaan kun kan raawwatame weerara ishee irratti uumamuuf ture ittisuuf akka ta’e ibsiteetti.
Soosinnaa Alamaayyootiin
#Oromia #Ethiopia