Biqiltuu har’aa, gaaddisa boruu…

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC)- Kaayyoo guddaan Ashaaraa Magariisaa rakkoo mancaatii bosonaa, jijjiirama qilleensaa, dhiqama biyyee fi hanqina magariisummaa furuuf mukkeen dhaabuun naannoo eeguudha.

Inisheetiiviin kun lammiilee Itiyoophiyaa hunda hirmaachisuun biyya magariisummaa fi itti fufiinsa qabdu ijaaruuf kan hojjetamuudha.

Kaayyoo ijoon inisheetivichaa har’a muka dhaabuun boru jireenya dhaabuudha.

Muka tokko har’a dhaabuun qilleensa qulqulluu boru dhalootaaf kennuudha,Lafa magariisaan uwwisne, jireenya abdii guutu ijaaruu,Muka dhaabuun jireenya tiksuu, magariisummaan badhaadhina, nageenya fi jireenya waaraa ijaarudha.

Muka baay’inaan dhaabuu, jireenya gammachuun guutuu, Ashaaraan magariisaa ashaaraa jireenyaa ta’uu hubachuun lammiileen hundi tokkummaan irratti hirmaachaa jiru.

Naannoo Oromiyaatti waggoottan darban, biqiltuu gosa garagaraa biiliyoona 28.2 dhaabameera.

Kana keessaa giddugaleessaan %85 lateera.

Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane aadaan kunuunsaa, hordoffiifi itti gaafatamummaa hawaasaa gulantaa haaraatti ce’eera.

Bu’aan hojii waggoota darbanii har’a ifatti mul’achaa jira.
Uwwisni bosona Oromiyaa %17 irraa gara %29 olitti guddachuu danda’eera.

Haroowwaniifi lageen irratti fooyya’iinsi mul’ataa jira.

Bineensonni bosonaa sababa mancaatii dawoo isaaniitiin baqatanii turan deebi’aa jiru.

Naannichatti sagantaa “Lafa dhalootaaf bayyanachiisuu” jedhuun gandoota naannoo Oromiyaa kuma 7 ol keessatti, lafti dhaloota egereetiif bayyanatu adda bafamaa jira.

Kun hojii waggaa tokkoof hojjetamu miti; waliigaltee dhaloota har’aafi dhaloota boruu gidduutti mallatteeffamaa jiruudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojii biqiltuu dhaabuu qofa miti. Hojii sirnakkoo umamaa deebisanii ijaaruuti.

Hojii qabeenya dhalootaaf waaressuuti. Hojii saafuu ummata keenyaa iddootti deebisuun, hariiroo namaafi umamaa haaromsuuti jechuun ibsan.

Waliigalaan sagantaan Ashaaraa Magariisaa ce’umsa biqiltuu dhaabuu irraa gara dammaqiinsa eegumsa qabeenya umamaa, bulchiinsa sirna-ikkoo umamaafi ijaarsa egeree waaraatti taasifamaa jiruudha.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa erga bara 2011 eegalee naannoo Oromiyaatti hanga bara 2017tti lafa hektaara miliyoona 6.8 ol irratti biqiltuuwwan gosa garaagaraa dhaabamaniiru.

Akka biyyatti ammoo lafti hektaarri miiliyoonni 11.2 ol biqiltuuwwaniin uwwifameera.

Waliigalaan boqonnaa 1ffaa fi 2ffaan hamma biqiltuuwwan dhaabbatanii biiliyoona 56 qaqqabsiisuuf galmi qabameera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment