Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) -Biyya irree jabaa qabdu ijaaruuf barnoonni Bu’uura ta’uu isaan Tarsiimoo Biyyaaleesaa 2050 sirnaan hojiirra oolchuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pioofesar Birhaanuu Naggaan.
Yaa’iin Barnootaa Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa 3ffaan, mata duree “Barnootaan biyya cichoomte, Dhaloota Cichoominaan dhaabbatu” jedhuun magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kanatti, Tarsiimoo Biyyaalessaa 2050 irratti hundaa’uun Itiyoophiyaa gara sadarkaa misoomaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Jijjiirama saffisaa addunyaa irratti mul’achaa jiruufi rakkoolee idil addunyaa yeroo ammaa uumamaa jiran tilmaama keessa galchuun, xiyyeeffannoo olaanaa tarsiimoon kun damee barnootaaf kenne sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Dhaloota barnootaan gahoome horachuun yoo hin danda’amne, jiraachuu fi egeree biyya tokkoo mirkaneessuun kan hin danda’amne ta’uu ibsuun, diinagdee mirkaneessuun biyya irree jabaa qabdu ijaaruuf barnoonni bu’uuraa jedhan.
Qabeenyaa fi carraawwan uumamaa naannichaa gara qabeenya diinagdee qabatamaatti jijjiiruun kan danda’amu beekumsa, barnootaa fi dandeettii ogummaa irratti hundaa’uun akka ta’ee himaniiru.
Sosochii ‘Barnoota dhalootaaf’ jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti waggoottan sadan darban keessatti hawaasa irraa Birrii biiliyoona 86 ol walitti qabuun manneen barnootaa ijaaruu fi haroomsuun danda’amuu eeraniiru.
Kanas caalmaatti cimsuun bu’uuraalee misoomaa barnootaa babal’isuu, akkasumas manneen barnootaa haala baruu fi barsiisuuf mijataa ta’een qopheessuun murteessaa ta’uu himaniiru.