Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Biyyoonni Kibbaa guddinarra jiran guddinaa fi mul’ata waloof tumsaan akka hojjetan Chaayinaan gaaffatte.
Chaayinaan Afrikaa fi biyyoota kibbaa waliin tumsa ishee cimsuuf waliigaltee Chaangishaa raawwachuun ni yaadatama.
Raawwii Waliigatee Chaangishaa ilaalchisee mariin erga taasifamee booda mootummaan Chaayinaa fi bakka buutoonni biyyoota Afrikaa 53 ibsa kennaniiru.
Mul’anni waloon carraa addunyaa yeroo itti aanuuf murteessaa ta’uu isaan biyyoonni guddinarra jiran tumsa waloo cimsuu qabu jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa.
Biyyoonni kunneen qajeeltoo qabeenya taarifa walqixxummaa, wal kabajuu fi fayyadamummaa murteessuu qabu jedhe ibsa isaan.
Tattaaffii Chaayinaan birmadummaa, walqixxummaa fi haqa Afrikaa mirkaneessuuf taasiiftu bakka buutoonni biyyoota Afrikaas dinqisiifataniiru.
Miikiyaas Ayyaalaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.